Got a TV Licence?

You need one to watch live TV on any channel or device, and BBC programmes on iPlayer. It’s the law.

Find out more
I don’t have a TV Licence.

Gabaasa Kallattii

Yeroon eerame hundi akka UK tti.

  1. Loltoota Netzah Yahuudaa meeshaalee waraanaa qabatanii jiran

    Aanga'oonni Israa'el wayita US kutaa waraanaa Natzah Yahuudaa irra qoqqobbii kaa'uuf oduu jedhu dhagahan mufannaadhaan deebii kennan. Marsariitiin oduu Axios jedhamu tarkaanfiin kun akka fudhatamu kan yaadameef dhiittaa mirga namoomaa gareen kun West Baank keessatti raawwataa jiru irraa ka'uuni. Kun yoo dhugaadhaan raawwatame tarkaanfii bulchiinsi US yeroo jalqabaaf hidhattoota Israa'el irratti fudhate ta'a.

    Dabalata dubbisi
    next
  2. Kaadhimamtoota pirezidaantummaa Iraan

    Bakka pirezidaantii Iraan balaa xayaaran du'anii, Ibraahim Raa'isii, akka dorgomaniif Maanni Maree Eegumsa Iraan kaadhimtoota jaha ifa godheera. Kaadhimamtoonni jahaan pirezidaantii Iraan ta'uuf dorgoman kunneen jahaan eenyu isaan? Maalin beekamu? Filannoon pirezidaantummaas ji'a kana akka gaggeeffamu ibsameera.

    Dabalata dubbisi
    next
  3. Wixineen kuni qaamolee yakka qorataniif mirga dabalataa kenna

    Wixineen kuni qabeenya yakkaan argame kan seeraa fakkeessuuf yookiin shororkeessummaa maallaqaan gargaaruu wal qabsiisuun qorattoonni kominikeeshinii fi xalayaa akka butan ni eeyyama.

    Dabalata dubbisi
    next
  4. Dargaggoo Bilisummaa Masfin

    “Yeroo baay’ee ‘ciqileen hin dhungatamu’ jedhamee mammaakama. Akka carraa ta’ee animmoo ciqileekoo dhungachuun danda’e. Namoota baay’ee birattillee ‘nama ciqilee dhungatu’ jedhameen beekame” jedha.

    Dabalata dubbisi
    next
  5. Magaalaa Maqalee

    Naannoo Tigraayitti labsiin yeroo muddamaa labsamuu baatullee, namoonni hedduun galgala sa’aa 12 booda manaa hin bahan. Jiraattonni hedduun taatee daa’immaniifi dubartoota butuu, miidhaafi du’a yeroo garaagaraa naannichatti mudatuun yaaddoo keessa seenuu dubbatu.

    Dabalata dubbisi
    next
  6. Hidhattoota Somaaliyaa dhukaasaa jiran

    Dhuma torban darbeerra giddu-galeessa Somaaliyaatti gosa Mareehaan fi Diir jedhaman gidduutti walitti bu'iinsa dhalateen yoo xiqqaate namoonni 40 ajjeefamuun yoo himamu, hidhattoonni al-Shabaab ammoo haleellaa raawwatanii namoonni baayyee ajjeefamuun ibsameera.

    Dabalata dubbisi
    next
  7. Saayinitistii Anaatoolii Maasloov, 77

    Gareen mirga namoomaaf falman, ogeeyyiin saayinsii misaa'ela haayipersoonikii kan saffisa sagaleetiin ol ta'e duuba jiru himannaa biyya ganutiin himatamaa jiraachunsaanii, shakkii qabatamaa hin taaneefi biyyarratti miidhaa qabaachuu akka malu mootummaa akeekkachiisan.

    Dabalata dubbisi
    next
  8. Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin

    Raashiyaan ''meeshaalee waraanaa niwukilaraa tooftaa fi tarsimoo jabaan taliigaman kan ardii Awurooppaa keessa hin jirre qabdi. Yoo Ameerikaan kanshee fiddee kenniteefiyyuu keenya hin ga'u,'' jedhan Putiin.

    Dabalata dubbisi
    next