Arsenaal vs Kiristaal Paalas, Liiverpuul vs Bornimaz dabalatee taphoota Piriimer Liigii torban kana eegamanin eenyu mo'a?

Taphattoota Arsenaaliif Kiristaal Palaas

Madda suuraa, Getty Images

Arsenaal Ayyaana Dhaloota Yesuus Kiristoos kan warra Faranjootaa yeroo kabajamutti Piriimer Liigii dursaa ture.

Haata'u malee, warri 'Gaanersi' taphoota lama itti aanan Weest Haamiifi Fuulham waliin taphateen mo'ame.

"Abdii waancaaf dorgomuu qaban eegsifachuudhaaf Kiristaal Paalaasiin mo'atamuu hin qabu," jedha xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan.

"Tapha kana mo'achuun Arsenaal Liiverpuul waliin walitti dhiyaachuuf qofa osoo hin taane, Maanchester Siitii waliinis morkii kan ittiin cimsatudha."

Tapha Piriimer Liigii Ingilizii torban 21ffaatiin taphoonni 5 torban darbe gaggeeffamaniiru. Taphoonni hafan ammoo Sambata, Dilbataafi Wixata gaggeeffamu.

Kiriis Suutan eenyu akka mo'atu tilmaama taphoota torban kanaa akka itti aanutti kaa'eera.

Sambata

Arsenaal vs Kiristaal Palaas

Kiristaal Palaas akkuma Maanchister Siitii waliin taasisaniin tapha ittisuurratti hundaa'e taphachuun deebisanii fiiganii ce'anii haleeluun goolii galchuu yaalu.

Akkaataa kanaan Arsenaaliin kan qoran ta'ullee, wanti guddaan warri 'Gaaners' kun sarara ittisaa Kiristaal Palaas kana dandeettii cabsanii seenuu qabaachuudha.

Gareen Mikeel Arteettaa sarara fuula duraan jifaturratti torbanoota darban keessa gaaffiin irratti ka'aa jiru kanaaf furmaata qabaachuu qaba.

Arsenaal dorgommii waancaa keessa turuudhaaf taphoota akka kanaa mo'achuu qaba.

Tilmaama: 2 – 0

Hasxaa kilaba Bireentiford fi Nootingihaam Forest

Bireentifoord vs Nootingihaam Forest

Taphoota saddetti keesaa qabxii sadii qofa kan argatan warri Kannisaa [Bireentifoord] kun adabbii ji'ootaan booda Ivaan Toonii argachuun isaanii abdii isaaniif kenna.

Tooniin taphoota garee lamaffaafi cufaatti gaggeeffameerratti goolii akka lakkoofsise kan himame yoo ta'u, garee isa guddaa kanaafis akka dabalu ni eegama.

Taphoota darban lamaan kan mo'atan warri Forast, himannaan seera faayinsaansii cabsuu irratti dhiyaate isaan yaaddessaa jira.

Kanaaf, gareen lamaanuu tapha kana mo'achuudhaaf sababa qabu.

Ta'us garuu Bireentifoord ni mo'ata.

Tilmaama: 2 -1

Dilbata

Shefiild Yunaayitid vs Weest Haam

Yeroo dhiyoo kan muudaman leenjisaan Shefiild Yunaayitid, Kiriis Waayildar, taphatootasaa waliin walbaruudhaaf yeroo gahaa argachuu hin dandeenye.

Gareen kun rakkoo goolii lakkoofsisuu qabu hambisuudhaaf Been Bireen Diyaaziin Vilaariyaal irraa ergisaan mallatteessifateera.

Warri Weest Haam ammoo waancaa FA CUP keessaa bahanis, tapha kanaan ni mo'amu jedhee hin yaadu.

Lamaan isaaniiyyu kubbaa qabatanii taphachuu kan filatan miti. Taphni kun walqixaan xumurama.

Tilmaama: 1-1

Haasxaa Bormaziifi Liiverpuul

Bornimaz vs Liiverpuul

Maanchester Siitiin Erliing Halaand malee akkamiin akka taphatu argineerra. Haaluma walfakkaatuun Liiverpuulis Mohaammad Saalaah malee maal akka fakkaatu tapha ittiin ilaallu ta'a.

Tireent Aleksaaddar Arnooldiin miidhamaan kan dhaban Liiverpuul taphni kun qormaata itti ta'a.

Leenjisaan Bornimaz Andonii Oraahol adeemsa keessa garee ijaaruu barbaadan argaa jirra.

Carraa baayyee uumanii garuu yeroo darbe Everteniin hanga mo'amanitti taphoota saddet keessaa torba mo'anii tokko walqixa bahaniiru.

Tilmaama: 1-1

Wixata

Haasxaa Biraayitaniifi Wolvis

Biraayitan vs Wolvis

Taphni kun tilmaamuudhaaf rakkisaa kan ta'edha.

Warri Biraayitan gahumsa isaanii bara darbeerra gahuu baatanis amma sadarkaa gaariirratti argamu.

Wolvis ammoo taphoota sadan darban mo'uurra darbeeyyu akkaataan ittiin goolii lakkoofsisani hedduu gaariidha.

Biraayitan dirree ofiirratti waan taphatuuf tilmaamni kennamuufis tapha kana garuu walqixa ta'ee xumuruuyyu danda'a.

Tilmaama: 2 – 1