Ergamaan Addaa Ameerikaa hoggantoota KFO fi ABO waliin maal mariyatan?

Maayik Hameeriifi Piroofeesar Mararaa

Madda suuraa, Gurmessa Ayano

Ergamaan addaa US Maayik Hamar rakkoo siyaasaa Itoophiyaa keessa jiru ilaalchisee Wiixata Caamsaa 13, 2024 hayyu-duree Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) Obbo Daawuud Ibsaafi dura taa'aa dhaaba Koongireesii Federaalawaa Oromoo (KFO) Proofesar Mararaa Guddinaa waliin mariyataniiru.

Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa kan tahan Maayik Haamer gamaggama raawwii waliigaltee mootummaa Itoophiyaafi TPLF irratti argamuun achumaanis dhimma nageenyaa Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa irratti akka mariyatan Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii ibsa torban tokko dura baaseen beeksisee ture.

Dura Taa'aa KFO kan ta'an Piroofeesar Mararaa Guddinaa Ambaasaaddar Maayik Hamer waliin Eembasii Ameerikaa Finfiinneetti argamutti sa'aa tokkoofi walakkaaf mariyachuu BBCtti himaniiru.

Dhimmootni irratti mariyatan waliigalatti waayee siyaasa Itoophiyaa rakkoon xaxamee ta'us addatti rakkoo Oromiyaa keessa jiruu kaasuu dubbatan.

Dhimma Marii Biyyaalessaa fi Waa'ee Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) dubbaachuus himan Piroofeesar Mararaan.

Ergamaan addaa Ameerikaa maaliif isin waliin mariyachuu barbaadan gaaffii jedhu Piroofeesarichaaf dhiyeessine: ''Nagaa biyya kanaa, hunda caalammoo nagaan Oromiyaa akkamitti dhufuu danda'aa, maal gochuun nurra jira? Yaadni keessan maalinni kan jedhu gaafachudhaafi'' jedhan.

Rakkoon Oromoo keessas jiru rakkoon Itoophiyaa keessas jiru sababa sirni dimookarsii hin jirreef akka ta'e bal'inaan dubbanneerra jedhan.

Akkuma Prof. Mararaa Hayyu-Dureen ABO Obbo Daawud Ibsaa Eembasii UStti argamuun Amb. Maayik Hamer waliin dubbachuu isaanii dubbi-himaan dhaabichaa mirkaneessaniiru.

Lammii Gammachuu yaada gabaabaa maricha ilaallatu fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti maxxansaniin marichi ''haala rakkisaa ABO keessatti hojjechaa jiruu, yaaddoo nageenyaa Itoophiyaafi balaa inni nageenya Gaanfa Afrikaaf qaburratti xiyyeefate,'' jedheera.

Haalli keessaa jiran rakkisaa ta'uurraa kan ka'e miidiyaaleetti dubbachuurraa kan qusataman Obbo Daawud, yaada furmaataa Hameriif qoodaniin qondaaltotni dhaabichaa hidhaa jiran akka hiikaman, waajiraaleen isaanii akka banaman, hidhamtootni siyaasaa guutuu biyyaa akka gadhiifaman gaafachuu ibsan.

Prof. Mararaan turtii BBC waliin taasisan keessatti waayee marii isaanii bal'inaan dubbataniiru.

''Furmaatni maali kan jedhurratti xiyyeeffatan. Tokkoffaa rakkoon maali kan jedhu. Lammaffaammoo akka Oromiyaattis, akka Itoopiyaattis rakkoo kana keessaa bahuuf, keessumaammoo Oromiyaa keessatti rakkoo bal'ataa deemu kanaaf akkamitti furmaata gochuun danda'ama,'' kan jedhuratti mariyachuu himan.

Mootummaan Ameerikaa isaanirraa wanti barbaadu waayee rakkoo kanaa wanta yaadan, wanta itti himuu danda'aniifi wanta furmaata ta'a jedhanii yaadan beekuudha.

Mootummaan Ameerikaa rakkoo Oromiyaa fi Itoophiya akka ta'utti hubateeraa?

Maayik Hamer wayita isaan waliin dubbatan qondaaltota Eembsichaa dhimma Oromiyaatti dhiyaatanii hordofan waliin ta'uun akka ta'e kan himan Prof. Mararaan, ''dhimmichi rakkinicha wallaaluu miti,'' jedhan.

''Dubbiin, dubbii rakkinicha wallaaluu osoo hin taane, rakkoonsaa garaagartummaa bal'aa gaaffii mormitoota Oromiyaa keessa jiraaniifi qophii mootummaa gaaffii kana deebisuu gidduu jiruu akkamitti dhiphisuun danda'ama kan jedhuudha.''

''Hubannoo gahaa qabu'' jedhanii, ''inni guddaan akka itti hiikkatanidha. Akkatti hojiirra oolchan, hamma hojiirra oolchan isaaniif dhiifna'' jedhan.

''Rakkoosaanii kan sitti himan mootummaafi mormituu gidduu yaadni jiru walirraa fagoodha, lamaanuu yaadasaa akkamitti walitti dhiyeeffachuu danda'aa, karaa walakkaatti akkamitti walitti dhufuu danda'u kan jedhu si gaafatu.''

Ejjennoon US maali?

Yunaayitiid Isteets walitti bu'iinsa Oromiyaa keessatti mootummaa Itoophiyaa fi hidhattoo WBO gidduu adeemu mariin akka furamu qaamolee tattaafachaa jiran keessaa adda dureedha.

Waraanni gaaga'aan Kaaba Itoophiyaa akka karaa nagaa xumuramus gaheen US taphatte guddaadha.

Ammoo rakkoon siyaasaa Itoophiyaa keessa jiru Marii Biyyaalessaa hunda hammataafi dhugaa ta'een akka furamus mootummaaf waamicha dhiyeessaa baate.

Piroofeesar Mararaadhaan ejjennoon mootummaa Ameerikaa haala Itoophiyaa ilaalchisee qabate maali? jennee gaafanne.

''Tokkoffaan ammatti sirna bulchiinsaa jijjiiruu/qoodinsa aangoo fiduuf dhiibbaa gochuu hin barbaadan. Lammaffaa qaama walabaa ta'uun qaamoleen hunduu furmaata siyaasaa irratti waliigalan tokko akka argatan yaaluudha'' jedhan.

MM Abiy ''abshaalummaan waan yaaduuf'' fala siyaasaa dhugaa fiduuf mala addaa maluun barbaachisaa ta'uu ambaasaaddar US Erviin Masiingaa fi ergamaa addaa Maayik Hamaritti hiimuu ibsan.

Humna qaamoleen siyaasaa qaban ilaalcha keessa galchuun furmaatni US barbaadaa jirtu bu'aa isaan barbaadan fida jedhanii akka hin amannes dubbatan.

Marii Biyyaalessaa fi dhimma WBO

Dhimmoota ijoo kaasan keessaa tokko waayee marii biyyaalessaa KFO fi ABO bu'aa barbaadamu hin buusu jechuun keessaa of baasuu beeksisaniidha.

Piroofeesarichi ''inni guddaan irratti mariyanne tokko kana. Wanti akkasii furmaata fida jettanii hin eegiinaa yaada jedhu ifatti himneerra. Mootummaadhaaf yeroo bituu bira darbee lolas dhaabee, rakkoo biyya kanaas furee sirna dimookrasii ijaaruudhaaf furmaata hin ta'u'' jedhanii ibsuu dubbatan.

Mootummaan Ameerikaa dhaabbilee alaa Itoophiyaa keessatti mariin biyyaalessaa hunda hammataafi amanamaa ta'e akka gaggeefamu dhiibbaa uumaa jiran keessaa adda dureedha.

Dhaabbileen gurguddoon Oromiyaa keessa socho'an lamaan kun irratti hirmaachuu dhabuurratti ejjennoon US maali kan jedhu Piroofeesara Mararaa gaafanneerra:

''Rakkoo keenya qajeeltootti beeku. Maaliif ilaalchi keenya kana akka ta'e, Komishiniin kunis maaliif rakkoo kana hiikuu hin danda'u jennee akka yaadnu gaafataniiru.

Nutis karaa keenyaa muuxannoo waggaa shanan darbees haata'uu muuxannoo waggaa 30 darbee, akkasumas muuxannoo waggaa 50 darbeerraa hamma siyaasni Itoopihyaa naa galee itti himeera.''

Milkaa'ina marii kanaatiif jechaa akka marii gochamurratti hirmaatan dhiibbaan godhan akka hin jirre kan dubbatan piroofeesarichi, maal wayya kan jedhurratti dubbachuu himaniiru.

Mariin ergamaa addaa Maayik Hamar waliin godhan addatti haala Oromiyaa keessa jirurratti akka xiyyeefatu kan kaasan Mararaan, dhimmi WBO ilaallatu dhimmoota ijoo kaasan keessaa akka ta'e himaniiru.

''Akkamitti yoo itti deemne wayya, maal wayya? kan jedhu nu gaafataniiru'' kan jedhan Pirf. Mararaan, hundee rakkoo kanaa dhabuu sirna dimookarsii waan ta'eef sirna sana ijaaruu akka ta'e dubbatan.

Dabalataan ''mootummaattis dubbatanii, warra bosonaattis dubbatanii waan irra gahan isaantu beeka. Garuu akka qunnamtii qaban natti himaniiru.

Qunnamtiinsaanii akka adda hin cinne natti himaniiru,'' jedhan.

Itoophiyaan waggoota darban keessa sirnoota adda addaan biyya hoogganuuf yaalamte ta'uu kan dubbatan Pirofeesar Mararaan, ''hanga ammaatti akka ta'utti kan hin yaalamne dimookarsiidha'' jedhu.

Furmaatni rakkoolee nageenyaa Itoophiyaas sirna dimookirasii ijaaruudha jedhanii, mootummaanis dhimma kana irra deddeebisee yaaduun irra jira jechuun wanta furmaatadha jedhanii Amb. Maayik Hamaretti himan ibsaniiru.

''Kanaa achitti gara fuulduraatti wal-fixuutti dabaluu malee, biyya kana mancaasuu itti fufuu malee falli hin jiru.''

Ergamaan Addaa US marii kanarraa ka'uun akkamitti gara fuulduraatti gargaaruu akka danda'an waan yaadan fakkaatu jedhan.