Atileetii cimaa ta'uuf uumamaan dandeettiisaa qabaachuu qabna moo shaakalaan argama?

Atileetota

Madda suuraa, PACE SPORTS MANAGEMENT

Namoonni tokko tokko uumamumaan fiigichaan milkaa'u . Kaan ammoo dhaamatifi shaakala heddu booda kan milkaa'an. Ofii atileetonni colleen uumamaanimoo shaakalaan milkaa'u?

Fiigichi ispoortii addunyaarratti beekamaafi jabina qaamaf heddu dhimma baasudha. Ameerikaa qofaa keessa atileetota miliyeena 64 jiru jedhama. Addunyaarra kan jiran osoo hin dabalatin.

Yeroo kamuu caalaa namoonni fiigicha maraatoonii fiigan dabalaa dhufaniiru. Appilikeeshiniin sochii qaamaaf gargaaru Strava jedhamu namoonni fiiguf galmaa'an lakkoofsisaanii daran dabalaa akka dhufe ibsa.

Dhaabbanni fiigicha Parkrun jedhamu qindeessu akka gabaasetti, bara 2023tti namoonni miliyeena 8.5 galmaa'aniiru.

Ofii atileetota saffisaan fiigan warra suutumeerraa maaltu adda godha? Ragaalen yeroo dhiyoo as bahuu eegalan akka agarsiisanitti qacceen sanyii (DNA) gahee guddaa qaba.

Atileetin lammii Ameerikaa Siyaaraa Maagiyaan dorgommii Oloompikii baranaarratti hirmaachuf gaarren Arizoonarratti shaakala gochaa jirti.

Fiigicha giddu galeessan kan beekamtu Siyaaran akka carraa ta'ee qacceen sanyiishee gama atileetiksiin milkaa'ina guddaan kan ishee gahuudha.

"Qaxxeen sanyii ani qabu gama atileetiksiin milkaa'ina kanaan na gaha jedhee yaadee hin beeku," jetti Siyaaran.

"Qacceen sanyii saffisaa" jedhamu yoo jiraare adda baasuf waggoota 20 darban qorattoonni itti dhama'aa turan.

Akka qorannoon kun agarsiisutti, atileetonni colleen qacceen sanyii isaanii kan warra kaanirraa adda.

Qaama keenya keessa qacceewwan sanyii dandeettii ispoortii qabnu murteessan 200 ol kan jiran yoo ta'u, kanneen keessaa 20 kan ta'an namni tokko atileetii cimaa akka ta'uuf gargaaruu danda'u.

Haa ta'u garuu kanneen qacceen sanyii isaanii fiigichaaf mijataa ta'e hunduu atileetota ta'u jechuu miti. Atileetii cimaafi beekamaa ta'uuf wantoota heddu keessa darbuu nama gaafata. Kunis, shaakala gochuu, akkasumas haalonni naannoo qaccee sanyii wajjin gaafa wal-simatu jijjiiramni guddaan argamuu danda'a.

Atileetota

Madda suuraa, Getty Images

Qacceen sanyii "Speed Gene" jedhamu ykn CTN3 jedhamu pirootiinii maashaa keessa jiru kan jabeessaniidha.

Maashawwan iskeleetalii kanneen jedhaman ammoo gosa lama qabu: tokkoffaan atileetota maashaa qabaniifi fageenya dheeraa fiiganiifi biskileetii oofan keessatti argama.

Maashan lammaffaan ammoo atileetota fiigicha fageenya gabaabaa warra fiiganiifi ulfaatina kaasan keesatti kan heddummatuudha.

UKtti qorattoonni Yuunivarsitii Eseksi qacceen sanyii dandeettii atileetin tokko qaburratti dhiibbaa akkamii akka qabu qorataa turan.

Saayintistii ispoortii kan ta'an Heenrii Chaangifi waayillan isaan waliin qorannoo gaggeessan atileetota ganna 20-40 jiran irraa sumuda kumaan lakkaa'amu fudhachuun qorannoo gaggeessan.

Atileetonni qorannicharratti hirmaatan torbanitti guyyaa sadi daqiiqaa 30f akka fiigan erga taasisan. Atileetonni kunneen yeroo wal-fakkaatatti jijjiirama wal-fakkaataa akka agarsiisan irraa eegamus, %20 kan ta'an jijjiirama yoo agarsiisan, kaan ammoo %15 jiijjiirama akka agarsiisan dubbatu Chaang. Kaansaanii jijjiirama homaa osoo hin agarsiisin hafan.

Bu'aa qorannoo kana booda, qorattoonni kun qaccee sanyii irratti qorannoo gaggeessuu eegalan. Yeroo kanaadha gosa qaccee sanyii adda ta'an 19 argachuu kan danda'an.

"Atileetonni %20 jijjiirama agarsiisuu danda'an gosa qaccee sanyii adda ta'an 19 qabu. Kanneen jijjiirama homaa hin agarsiisin ammoo qaccee sanyii adda ta'an tokko ykn lama qofatu keessatti argame," jedhu Chaang.

Qacceewwan sanyii 19 argaman keessaa tokko AMOA kan jedhamu yoo ta'u, qacceen sanyii kun ciminaafi balaadhan wal-dhaansoo qabuun kan hidhata qabuudha.

Atileetiksii ammayyaa keessatti, rikardiiwwan addunyaa fooyya'an shaakala wajjin akka wal-qabatan qorannoowwan ni agarsiisu. Gosi kophee ittiin fiifaniifi dirreen fiigichaallee gahee mataasaanii qabu.

Gama biraan ammoo Yuunivarsiitii Baazitti qorattuu Baayoo Meedikaalii kan taate Istoofii Kooliyar "saffisaan fiigun baay'ee salphaadha" jetti. "Saffisaan fiiguf humna qabnu hundaan lafa ijjachuu danda'uu qabna," jetti.

Istoofii Kooliyar akka jettutti, saffisa keenya eegnee fiiguf maashan keenya humna akka maddisiisu gochuu qabna. Kanaaf, saffisa eeguf jabina, humnaafi teeknika baruu qabna jetti.

Yeroo fiignu, humna ittiin lafa ijjannu yoo hir'isne humna keenya qusachuu akka dandeenyus himu.

Magiyaan ammoo, "Ani yeroon fiigu tap, tap, tap.. jechaan lakkaa'aa fiiga. Ariitin lafa tuqee gaafan deebi'u saffisaan akka fiigu na gargaara," jetti.

Gama biraan ammoo fiigichi fayyummaaf gaarii akka ta'e gorsu qorattoonni. Lafee namaa jabeessuf, fayyaa sammuuf, umurii dheeraa jiraachuf fiigicha shaakaluun ni gorfama.