Somaaliyaan hanga waliigalteen Itoophiyaafi Somaalilaand hin haqamnetti hin mariyadhu jette

Pirezidantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad

Madda suuraa, Reuters

Itoophiyaan waliigaltee walhubannoo Somaaliland waliin mallatteessite hanga kaastee, tokkummaa daangaa Somaaliyaa hin mirkaneessinetti jaarsummaa Finfinnee waliin taasifamuuf “bakka akka hin qabne” Somalaiyaan beeksifte.

Somaaliyaan ejjennooshee kana kan ibsatte Manni-maree Nageenyaafi tasgabbii Gamtaa Afrikaa (AUPSC) walga’ii gaggeesseen booda biyyoonni lamaan “marii hiika qabeessa ta’e” gochuudhaan rakkoo qaban akka furatan gaafachuu hordofee ibsa Amajji 18, 2024 baasteenidha.

Itoophiyaafi Somaalilaand waliigaltee walhubannoo Amajji 1,2024 waliif mallatteessaniin Itoophiyaan kan akka biyya ofdandeesseetti of ilaaltu Somaalilandiif beekamtii biyyummaa kennuuf, Somalilaand ammoo gamasheetiin Itoophiyaaf ulaa galaanaa akka hayyamtu waliigalteerra gahan.

Somaalilaand akka kutaalee biyyashee keessaa tokko taatetti kan yaadu mootummaan Somaaliyaa, waliigalticha cimsee mormuudhaan, gocha walabummaa biyyattii cabsudha jechuu isaatiin naannicha keessatti muddamni akka dhalatu taasise.

Manni-maree Nageenyaafi Tasgabbii Gamtaa Afrikaa erga Itoophiyaafi kutaan bulchiinsa kaaba Somaaliyaa (Somaaliland) waliigaltee walhubannoo mallatteessanii booda muddamni Finfinneefi Moqaadishoo gidduutti dhalate akka isa yaaddesse beeksise.

Manni-marichaa marii gaggeesseen booda ibsa baaseen kan Somaaliyaafi Itoophiyaa dabalatee "birmaddummaan, tokkummaan daangaafi bilisummaan" biyyoota miseensa Gamtichaa akka eegamuuf "kutannoofi deeggarsa cimaa" akka qabu beeksise.

Bakka bakka buutonni Itoophiyaafi Somaaliyaa argamanitti mariisaa kan gaggeessee AUPSC, biyyoonni lamaan jechaafi gocha muddama dhalate kana daran hammeessanirraa akka of qusataniifis gaafate.

Manni marichaa ibsa baaseen, Itoophiyaafi Somaaliyaan rakkoo jiru kara nagaatiin furuudhaaf marii hiika qabu akka taasisan gaafate.

Pirezidantiin duraanii Naajeeriyaa Oliseeguun Obasaanjoo biyyoota lamaan gidduutti marii akka jalqabaniif dura ta'aa Komishinii Gamtaa Afrikaatiin muudamuu akka fudhatus ibsa baaseen eere.

Somaliiyaan ibsa baaste kanaan, PSCn Gamtaan Afrikaa biyyoota miseensota isaa ta'an "birmadummaafi tokkummaa daangaa" isaanii mirkeessuu isaa akka fudhatu ibsuu galateeffatte.

"...Itoophiyaan kutaa bulchiinsa Somaaliyaa (Somaaliland) waliin waliigaltee walhubannoo seeraan ala ta'e yeroo mallatteessitu birmadummaafi tokkummaan daangaa Somaaliyaa cabeera," jechuun seerri Gamtichaas cabuu ibsiteetti.

"Somaaliyaan garuu seera kabajama akana hin cabsine," jechuun yakki kan raawwatame Itoophiyaatiinidha jechuun ejjennooshee mul'iste.

"Sababa kanaaf, Itoophiyana hanga waliigaltee walhubannoo mallatteessite kaastee tokkummaa daangaa Somaaliyaa hin mirkaneessinetti jaarsummaatiif bakki hin jiru," jechuun marii biyyoonni lamaan akka taasisaniif Manni-maree Nageenyaafi Tasgabbii gaafateef haal-duree keesseetti.

Mootummaan Itoophiyaa handaara galaanaa fi buufata humna galaanaa qabaachuuf waliigalteen Somaalilaand waliin mallatteesse muddama uumuu hordofee deebii kenneen, ''waliigaltee kanaan amantaan cabes, seerri sarbames hin jiru'' jedhe.