Malkaa Bal'ootti namoonni bakakkaan miidhe wal'aansa aadaan 'wayyaa'uu' himan

Namoota biyyoo keessa galan

Madda suuraa, Suura Abas muktar

Malkaa Bal’ootti namootni 12 bakakkaan miidhaa irraan gahee mala aadaan yaalamanii ''fooyyeerra jirra'' jedhan.

Godina Harargee Bahaa Aanaa Malkaa Bal’ootti dilbata darbe bokkaa roobaa ture hordofuun bakakkaa bu’een namoota 12 irraan miidhaa qaqqabsiise.

Namoota sababa bakakkaa kanaan miidhamanii turan keessaa tokko ta’uu kan himu Obbo Nasroo Abdii BBC’tti akka himanitti bakakkaan kuni kan bu’e Dilbata guyyaa naannoo sa’aatii 7tti.

“Ani dhimma hojiitiif ture kanin aanaa keenya araddaa Walta’a Misoomaa deeme. Achi waajjira araddaa keessa kan turre nama 11. Dubartiin tokkommoo waajjira jala bokkaa dheessuuf dhaabattee ture”

“Bokkaan sunuu dilas guddaa hin turre. Bakakkichi balbalarratti hoolaa tokko rukutee nummoo balbalaan ul nutti seene. Hundi keenyaa battala kukkufne. Namni baayyeen nihoollata ture” jedhan.

Balaan kuni gahuu hordofees hawaasni naannoo birmachuun mala aadaatiin yaala kennaafii akka tures hima.

“Hawaasni battala birmatee nuqaqabe. Aannan bakka jiruu walitti fidanii nurratti naqan. Lafa qotaniis qaama keenya mormaa gadi biyyee keessa nu awwaalanii nuyaalani” jedha.

Hawaasni naannichaa namoota bakakkaan miidhe kana 12’n biyyoo keessa awwaaluun sa’aatii 1 hanga 2 tursanii akka bahanis himan.

“Ani amma yeroo sana miila kiyya sochoosuu hin danda’un ture. Namootatu na baatee biyyoo sana keessayyuu nakaa’e. Yeroo biyyoo sana keessaa baane garuu namni hundi itti wayyaa’e. Anis amma akka barbaadetti deemaan jira” jedhan.

Balaa bakakkaa kanaan miidhaan lubbuu qaqqabe akka hin jirree fi namootni miidhaan salphaan irra gahes fooyya’iinsa gaarirra jiraachuus himan Obbo Nasroon.

Yeroo bakakkaan nama miidhu namoota miidhaman aannan obaasuu fi irratti naquu akkasumas nama miidhame sana mormaa gadi biyyoo keessa awwaaluun mala aadaa hawaasa biratti guddoo baratamedha.

Haa ta’u malee yaanni kun qorannoon kan deeggarame akka hintaane Yinivarsiitii Haramaayaatti barsiisaa fi qorataa Fiiziksii Naannoo (Environmental Physics) kan ta’an Dr. Haftuu Birhaaneen himu.

“Malli bifa aadaatin itti fayyadaman (biyyee keessatti awwaaluu) qorannoon kan deeggarame miti. Qorannoo kan barbaadudha. Garuu saayinsiin kan gorfamu dhaabbilee fayyaa dhiyeenyatti argamutti geessuudha” jedhan.

Bakakkaa ija saayinsiin?

Bakakkaan dhiibbaa ho’aa yemmuu ta’u walharkisuu chaarjiiwwan pozatiivii fi negatiiviin kan uumamu akka ta’e kan himan Dr. Haftuun, gosootni bakakkaa hedduu akka jiran himu.

Bakakkaan yeroo roobaa uumamu akkuma jiru osoo roobni hin jiraatiin yeroo gogaatti kan uumamu akka jirus himu.

Akkamiin ofirraa ittisuun danda’ama?

Saaxilamummaa balaa bakakkaaf qabnu hir’isuuf tarkaanfiin inni jalqabaa fi ijoon fageenya nuyi fi iddoo bakakkaan bu’uu danda’u gidduu jiru sakatta’uun irraa fagaachuu akka ta’e Dr. Haftuu Birhaanee himu.

Naannoo mukkeenii kan jirru yoo ta’e immoo yoo xiqqaate dheerina muka sanarraa dachaa lama fi isaa ol fagaachuu akka qabnus himu.

Mukeen dheerina waan qabaniif rooba roobenis jiidhina waan qabaataniif elektiriikii saffisaan ofkeessa dabarsuu danda’u. Kanaaf namootni waqtii roobni roobuufi balaan bakakkaa jirutti mukkeen irraa fagaachuu akka qaban himu.

Manneen fi iddoowwan dawoo ta’uu danda’an kunneen biroo keessatti dahachuunis barbaachisaa akka ta’es himu.

“Konkolaataan imalaa kan jirru yoo ta’es fooddaa konkolaataa cufnee imaluu qabna” jedhan Dr. Haftuun.