Waancaa Piriimer Liigii eenyu fudhata? Tilmaama taphoota dhumaa bara kanaa

Maayikil Arteetafi peep Gaardiyoolaa

Madda suuraa, Getty Images

Dilbata sa'aatii wal fakkaatutti akka gaggeeffamaniif taphoonni Piriimer Liigii beellamni qabameef taphoota bara kanaa isa dhumaa garee Liigicha mo'atu adda baasanidha.

Tapha dhumaa kanaan Arsenaal ykn Maanchester Siitiin wancaa bara 2023/24 mo'achun mirgaan galuuf jira.

Barnileefi Sheefiild Yunaayid Piriimer Liigii keessaa bahuu isaanii mirkaneeffataniiru.

Xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan taphoota Liigichaa torban isa dhumaa (38ffaa) akka itti aanutti tilmaameera.

Dilbata

Arsenaal v Everten

Everten gahumsa gaariirratti argamus taphni kun olaantummaa Arsenaaliin xumurama.

Tilmaama: 3 – 0

Bireentiford vs Niwkasil

Fooyya'aa kan jiru Bireenifoord dorgommii bara kanaa mo'ichaan goolabuu barbaada.

Niwkasil ammoo torbaffaa ta'ee xumuruudhaaf firii Maanchester Yunaayitid kan eegu ta'us, kun tapha cimaa itti ta'a.

Tilmaama: 2 – 2

Hasxaa Biraayiraniifi Maan Yunaayitid

Madda suuraa, BBC Sport

Biraayiten v Maanchester Yunaayitid

Biraayiten ammallee dandeettiin isaa gadi buaa jiraachuu tapha Roobii Chelsii waliin taphatanirratti ittifufee mul'ateera.

Liigicha walakkaa ol ta'ee xumuruudhaaf tapha kana mo'achuu qaba.

Maanchester Yunaayitid Niwkasil waliin taphatee cimina gaarii agarsiiseera.

Sadarkaa 8ffaa amma irra jiranirra ka'anii yoo xumuran dorgommiin bara kana asirriitti kan isaan ibsu ta'a.

Tilmaama: 2 – 1

Barnilee v Notingihaam Forest

Kun tapha garee kufu kan adda baasu ta'uun kan irra ture ta'us, Barnileen dursee kufuufi Nootingihaam Forest ammoo goolii baayyee argachuudhaaf carraa bal'aa uumeeraaf.

Qabxiin adabbiin kan irraa hir'ifame Forest, barri kun gaarii hin turreef.

Tilmaama: 1 – 1

Chelsii v Barnimaz

barnimaz dhiyeenya kana gadi bu'aa dhufullee, bara kana gahusa gaarii agarsiisaa baheera.

Walitti aansuun taphoota afur kan mo'ate Chelsiif taphni kun mo'atanii sadarkaa 6ffaan xumuruuf kan itti dhimman ta'a.

Chelsiin ni mo'ata, Kool Paalmer ammoo goolii lakkoofsisun ni milkaa'u jedheen tilmaama.

Tilmaama: 3 – 1

Kiristaal Palaas v Aston Viilaa

Kiristaal Palaasiif gurmaa'ina ajaa'ibaa taphattootasaa sadanii: Maayikil Oliisee, Ebrechee Eezee fi Zhiin-Filiip Maateetaa tursiifachuudha.

Cimina ajaa'iba dhiyeenya kana agarsiisan Dilbatallee ni dabalu jedheen yaada.

Aston Viilaan bara dhufu Shaampiyoons Liigii Awurooppaatti akka hirmaatan mirkanaa'eera.

Erga Tootenhaam mo'atee booda gammachuusaanii ibsataa jiru.

Tapha kana ammoo Kiristaal Palaas ni mo'ata jedheen tilmaama.

Tilmaama: 2 – 1

Liiverpuul v Wolvis

Tapha kanaan Mohaammed Saalaa goolii lakkoofsisee Liiverpuul garaa garummaa goolii baayyeetiin mo'atanii Yaargen Kilooppiin gammachuun gaggeessu.

Taphoota kudhan darban keessaa tokko qofa kan mo'ate Wolvis, gahusa gaariirra hin jiru.

Taphni kun dhimma Liiverpuuliifi Kiloop ta'a. Leenjisaan kun deemuun kilabichaaf qofa osoo hin taane Piriimer Liigifiyyu kasaaraadha.

Liiverpuul waancaa argateen alatti maanchester Siitii hanga dhumaatti morkachuun dorgommii cimaan akka jiraatu godheera.

Tilmaama: 4 – 0

Luutan v Fuulhaam

Taphoota 17 keessaa tokko qofa mo'achuun isaanii Lutan Liigicha keessaa ba'uudhaaf qarqararra akka ta'an isaan godheera.

Ija herregaatiin carraa ooluu qabaatanillee garaagarummaa goolii Forest waliin qaban dhiphisuu waan danda'an miti.

Fulhaam sababa tapha kana itti taphatuuf qabaachuu baatus ni mo'ata.

Tilmamaa: 1 – 2

Hasxaa Maan Siitiifi Weest haam

Madda suuraa, BBC Sport

Maanchester Siitii v Weest Haam

Maanchester Siitiin waggoota torba waancaa itti mo'ate keessaa afur guyyaa dhumaarra milkeessuu isaa qofa osoo hin taane, taphoota sadiin durfamuurraa ka'eeti kan mo'ate.

Tapha kanarratti Siitiin dafee goolii lakkoofsisuun walitti aansuun si'a afur Liigii kana mo'achuun rikkardii haaraa galmeessa.

Sarara hundaarratti taphattoota inni qabu ciccimoo ta'uun alatti, yeroodhaa gara yerootti of jijjiiraa jiru.

Liigichi addunyaarratti taphni cimaa kan irratti mul'atu. Siitiinis bara kana taphoota ciccimoo keessa darbuuf dirqameera.

Deevid Mooyes tapha dhumaa Weest Haam taphatuun mo'achuu kan danda'u miti.

Tilmaama: 5 – 0

Shefiild Yunaayitid v Totenhaam

Anji Postekogiluu garee mo'ataa ijaaruudhaaf carraaqanis, garee sana keessa yaadni wal fakkaataan hin jiru.

Garee mo'ataa ijaaruudhaaf ammoo Arsenaal waancaa akka hin mo'anneef gareen isaanii akka mo'amuuf deeggartoonni barbaadan jiraachuu hin qaban ture.

Leenjisaan kun waggaa jalqabaa Tootnhaam turetti hanga irraa eegamuun ol milkeesseera.

Bara kana kufuu isaa kan bare Sheefiild Yunaayitid, mo'atee gaggeeffamuu barbaada.

Tilmaama: 0 – 2