Gaaffiin 'reeffa miseensota Faannoo' Finfinneetti ajjeefaman fudhachuuf dhiyaate deebii dhabuu maatiin himan

Hidhataa faannoo finfinneetti ajjeefame

Madda suuraa, Social Media +ADDIS ABABA POLICE COMMISSION

Gaaffii maatiin miseensota Faannoo Finfinnee Kutaa Magaalaa Booleetti walitti dhukaasuu poolisii waliin tureen guyyoota dura ajjeefamanii reeffa ijoolleesaanii fudhachuuf dhiyeessan deebii akka hin argatiin BBC afaan Amaaraatti himan.

Ebla 12, 2024 naannoo Galma Barkumeetti kan ajjeefaman Naahusannaay Andaargee fi Abeenezar Gaashaw erga du'anii guyyaa afur ta'us reeffasaanii hanga ammaatti argachuu akka hin dandeenye haadholiin isaanii ibsaniiru.

Guyyaa Naahusannaay itti ajjeefame buleesaarraa kaasanii Sambataafi Dilbata reeffa argachuuf yaalanii kan hin milkoofneef haatisaa AAdde Haregewayin Addunyaa haala keessa jiran "haadhaaf baayyee rakkisaadha," jechun dubbatan.

Ilmisaanii guyyaa ajjeefame bulee Gondar irraa gara Finfinnee kan dhufan haati Abeenezar Bagaashaw Aadde Elsaa Salamoon ammoo reeffa argachuudhaaf bu'aa ba'iin isaan mudachuu BBCtti himaniiru.

"Nama gaddisiisa; kan nama dhibu ammoo daa'imadha. Ilmakoo maalan godha? Ulfaataadha," jedhan.

Dargaggoonni kunneen lamaan osoo gocha shororkeessummaa raawwachuuf socho'aa jiranii akk harka kennataniif qaamoleen nageenyaan gaafatamanii diduun qaamolee nageenyaatti dhukaasa bananii miseensota poolisii lamarra miidhaa jabaa akka geessisan Humni Waloo Tikaafi nageenyaa ibsa Jimaata baaseen himeera.

Ebla 15, 2024 gara Komishinii Poolisii Finfinnee deemanii kan ture haati Naahusannaay, dhimmicha kan ilaalu Poolisii Federaalaati deebiin jedhamu kennameeraaf.

Dhimmicha eeruun Poolisiin federaalaa reeffa ilmasaanii akka kennamuuf xalayaa iyyataa kan galfatan yoo ta'u, "deebiin kana jedhamu nuuf hin kennamne," jedhu.

"Dhimma kana deebisuu kan qabu poolisii finfinnee ture; maaliif hanga asiitti dhuftan?" akka jedhamanis dubbataniiru.

Itti dabaluun, "har'a Kibxata ammoo irra deebiin gara poolisii finfinnee deemee waan naan jedhan nan dhaga'a," jechuun ibsan.

Reeffa ilmasaanii argachuuf haati oliifi gadi deemaa jiran kun, "haadhaaf ulfaataadha; baayyee ulfaataafi kan yaadamuun olidha. Reeffadha kanan gaafadhe' dirqama waan ta'eef deebii argachuudhaaf abdiidhaan eegaan jira. Deebii isaas waan gaarii waliinan eega," jechuun dubbatan.

Haatii Abeenezar Gaashaaw Aadde Elsaa akkuma haadha Naahusannaay waanuma walfakkaataatuti mudate.

Guyyaa Wiixataa gara Komishinii Poolisii Finfinnee deemuun itti-gaafatamtoota argachuu baatanilleen, hojjattoonni achii hojjatan dhimmicha kan hordofu poolisii Federaalaati jedhamuu dubbatan.

Poolisiin Federaalaa irraas Wiixata kaleessaa deebii kan hin arganne yoo ta’u, Kibxata har’aa deebii’anii akka dhaqan BBCtti himan.

Komishinii Polisii Finfinneetti Ittaanaa Sabaa himaa kan ta’an, Itti-gaafatamaa Komaandar Maarqos Taadasaa BBCn dhimmicharratti bilbilaan dubbisee, ‘‘odeeffannoo akka hin qabneefi kun kan ilaallatu Humna Waloo Tikaafi Nageenyaa ykn Poolisii Federaalaa akka ta’e’’ dubbatan.

Haaluma kanaanis BBCn komii maatii kanarratti Komishinii Poolisii Fedeeraalaatti Daareektara Dhimmoota Kominikeshinii, Obbo Jaayilaan Abdii gaafatee, ‘‘dhimmi kun kan ilaallatu Poolisii Magaalaa Finfinnee akka ta’e’’ ibsaniiru.

Erga ilmisaanii jalaa ajjeefameen booda gara Finfinnee dhufuu kan dubbatan Aaddee Elsaan, Hospitaala Phaawuloos deemuun maqaan ilmasaanii tarree keessa jiraachuun erga itti himameen booda, poolisiirraa ajaja fidachuu akka qaban itti himame.

Abbaan Abeenezar garuu sababii ‘‘dhiiroonni ni hidhamu jedhameef sodaatanii hin dhufne. Ana wayya jedheen dhufe’’ jedhan haatii Abeenezar.

Ittaanaa Komaandar Maarqos miseensa Faannooti kan jedhaniin Naahusannaay Andaargee Taaraqany, Abeenezar Gaashaaw Abaateefi Haabtaamuu Andaargee Tasammaa irratti poolisiin hordoffii taasisaa turuudhaan Ebla 12, 2024 to’annoo jala oolchuudhaaf wayita yaaletti konkolaataadhaan miliquudhaaf yaaluusaanii BBCtti himuun ni yaadatama.

Shakkamtoonni konkolaataatti fayyadamudhaanis poolisiitti dhukaasa banuusaanitu ibsame. Abeenezar Gaashaaw rasaara itti dhukaafameen battalumatti lubbunsaa yoo darbu, Naahusannaay kan poolisiin dursaa garee Faannooti jedhe ammoo erga miidhaan irra gaheen booda hospitaalatti geeffamuun lubbuunsaa achitti darbuutu himame.

Naahuusannaay Andaargee ‘‘dargaggoota haleellaa akka raawwataniif filate leenjii akka argatan taasisuudhaan, deeggarsa faayinaansiifi lojistikii biyya keessaafi biyya alaarraa argaman walitti qabuun haala mijeessaa akka ture ibsi Humna Waloo eeree jira.

Humni Waloo Tikaafi Nageenyaa miseensoota garee finxaaleeyyii kan jedheen kunneen Finfinne kutaa magaalaa garaa garaa keessatti haleellaa raawwachuuf dhoksaan sochii taasisaa’’ akka turaniifi hordooffii irratti taasisaa ture jedheera.