Got a TV Licence?

You need one to watch live TV on any channel or device, and BBC programmes on iPlayer. It’s the law.

Find out more
I don’t have a TV Licence.

Gabaasa Kallattii

Yeroon eerame hundi akka UK tti.

  1. Jaakoob Zuumaa

    Bara 2018 keessa Afriikaa Kibbaatti aangoodhaaf wal dhabdee cimaatu ture. Kana hordofuunis Siiril Raamaafoosaan pirezidantii Kongirasii Biyyaaleessa Afriikaa (ANC) fi kan biyyattii ta’udhaan Jaakoob Zuumaa bakka bu’an. Ofii Zuumaan attamiin deebi'an fuula paartiisaanii haaraa ta'uu danda'an?

    Dabalata dubbisi
    next
  2. Mallattoo Addeessaa- Islaama fi fannoo- Kiristiyaana

    Ministeerri Nagaa Itophiyaa qajeelfama heeraa, mootummaan dhimma amantii, amantiin dhimma motummaa gidduu hin galu jedhu akkasumas bilisummaa amantii bu'uura godhachuun labsii wixinee qopheesseera. Ofii komiin manneen amantaa labsii wixinee haaraa dhimmoota amantaarratti qaban maaliidha?

    Dabalata dubbisi
    next
  3. MM Abiy Ahmad fi Pirezidant Yoon Suk Yeol

    Jilli aanga'oota mootummaa Itoophiyaa Ministira Muummee Abiy Ahmadiin durfamu wayita Kooriyaa Kibbaa daawwatetti yaadannoon loltoota Itoophiyaa birmadummaa Kooriyaa Kibbaaf wareegamanii sagantaa ijoo ture.

    Dabalata dubbisi
    next
  4. Miseensota mana-maree Itoophiyaa

    Fooyya’insi labsii iyyata "gareen siyaasaa gocha fincilaa keessati hirmaate" paartii ta'uuf dhiyeessu kuffiisuu Boordii Filannoo aangoo dhowwatu Mana-maree Bakka Bu'oota Ummataaf dhiyaate.

    Dabalata dubbisi
    next
  5. Nahusannaay Andaargeefi Abeenezar Gaashaaw miseensota Faannoo humnoota mootummaa lolaa jiraniiti jechuun poolisiin ibseera

    Maatiin miseensota Faannoo lama dhukaasa poolisii waliin tureen baatii Ebla keessa Finfinneetti ajjeefaman reeffa isaanii osoo hin argatiin sirna gaggeessaa isaanii Gondaritti raawwachuu himan.

    Dabalata dubbisi
    next
  6. Musuroota lamaan

    Sooreessi abbaa qabeenyaa miidiyaalee hedduu ta'an Ruuparti Mardook sirna cidhaa Kaaliiforiyaatti gaggeeffameen yeroo shanaffaadhaaf gaahilad dhaabbatan. Maanguddoonni umuriinsaanii waggaa 93 kunis haadha warraasaaanii haaraa lammii Raashiyaa taa'e Eleenaa Zihukoovaa waliin kan gaa'ila shanaffaa dhaabbatan.

    Dabalata dubbisi
    next
  7. Pirezidantii Afriikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa

    Prezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan, , erga paartiinsaanii Kongireesii Biyyoolessaa Afrikaa (ANC) kan waggoota 30 dura erga sirna Appaartaayidii kuufeetii kaasee yeroo jalqabaaf sagalee caalmaa dhabee booda, paartiin isaanii bu’aan filannoo rakkiisaa ta’e mudachuu amanan.

    Dabalata dubbisi
    next
  8. Taankii sobaa

    Akkuma waraanichi eegaleen dhaabbilee filmii waliin wal ta’uudhaan warra Naazii sobuudhaaf, taankiiwwannii fi xiyyaaroonni sobaa qophaa’anii ture. Waggaa 80ffaa waraana Addunyaa lammaffaa dhufaa wayita yaadatamuutti, waa’ee gootummaa fi cimina dhiiroora qarqara galaana Noormaandii irratti Waxabajjii 6 bara 1944 bu’aniifi taatee Waraanaa Addunyaa Lammaffaa sirna Hiitilar jijjiree yaadachuuf yeroo gaarii ta’a. Attamiin hojjatee?

    Dabalata dubbisi
    next
  9. Mintee Biliyeenar

    Maqaan maatiin isaaniif baasaniif Darguu Tuleeti. Yeroo mootummaan Dargii aangoo qabatu waan dhalataniif maqaan kun isaaniif mogga’eef. Maqaan idilee isaanii kana ta’ulleen isaan kan ittiin of beeksisan ‘Mintee Biliyeenar’ jedhuun. Maqaan Mintesinoot jedhu kana ammoo moggaasa daldala meeshaa manaa ittiin beekamaniirraa akka dhufe himu.

    Dabalata dubbisi
    next
  10. Xiyyaar-samii

    Chaayinaan xiyyaar-samii nama malee imaltu gara Addeessaa ergiteetti. Xiyyaar-samiin kunis fuula Addeessaa kallattii kaanii dacheerraa fagaatee argamu moggaarra qubatteetti.

    Dabalata dubbisi
    next