Namichi yeroo jalqabaatiif kaleen booyyee jijjiiramee galeef du’aan boqote

Richaard Riik Silaayimaan

Madda suuraa, MASSACHUSETTS GENERAL HOSPITAL

Namichi yeroo jalqabaatiif kaleen booyyee jijjiiramee galeef wallaansa taasifameef ji’a lamaan booda lubbuun isaa darbuu hospitaalichi beeksiseera.

Namni maqaan isaa Richaard Riik Silaayimaan wallaansa baqaqsanii yaaluu kana ji’a Bitootessaa keessa osoo hin taasifamiiniif dura dhibee fayyaa kaleetiin rakkachaa tureera.

Lubbuun nama kanaa kan darbuu danda’eef sababa kaleen booyyee wallaansaan jijjiiramee galeen ta’uu mallattoon agarsiisu kamiyyu hin jiru jechuun, Hospitaalli Waliigalaa Masaachuseetis (MGH) Dilbata beeksiseera.

Yaaliin qaamolee booyyee qacceen sanyii isaanii fooyyeeffame warra kaaniif jijjiiruun kanaan dura hin milkoofne ture. Wallaansi baqaqsanii yaaluu Silaayimaaniif taasifame garuu boqonnaa seena qabeessa ta’edha jedhamee milkaa’inni isaa jajamaa tureera.

Silaayimaan dhibee kaleetiin alatti dhibee sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaas qaba ture.

Richaard Riik Silaayimaan bara 2018 kaleen namaa jijjiiramee galeefii waggaa shanii booda hojjechuu dhaabuun himameera.

Kalee booyyee jijjiiranii galchuufiif hordofee, kaleen haaraa galeef haala gaariin hojjechaa kan jiru ta’uufi kalee dhiquun (Dayaaliisis) akka hin barbaachifne doktoroonni isaa mirkaneessanii ture.

“Silaayimaan sadarkaa addunyaatti namoota hedduu kanaan dhibamaniif nama abdii ta’ee argamedha. Ogummaa ‘Zenotiraanispilaanteeshin’ kana gara fuula duraatti akka deemuuf amnataa qabaachuusaafi hayyamamaa ta’uusaaf ni galateeffanna,” jechuu hospitaalichi ibsa baaseen beeksiseera.

‘Zenotiraanispilaanteeshin’ seelota lubbuu qaban ykn kutaalee qama lubbu-qabeeyyii sanyii tokkorraa fuudhanii sanyii biraatiif bakka buusuudha.

Du'a tasaa kanaan "baayyee gaddineerra" kan jedhe hospitaalichi, maatii isaatiif jajjabina hawweera.

Firoonni Silaayimaan gamasaaniitiin, seenaan isaa namoota hedduuf jabina kan kennudha jedhan.

"Richaard Riik Silaayimaan sababoota inni wallaansa fayyaa akkasii kana [akka isarratti gaggeeffamu] hayyameef keessaa tokko namoota lubbuun ooluudhaaf jijjiirraa kalee eeggatan kuma edduutiin lakkaa'amaniif abdii kennuufidha," jedhan.

"Richaard Riik Silaayimaan galma isaa milkeessuun olitti abdiifi amantaan isaa yeroo hundaa ni jiraata."

"Nuuf Richaard Riik Silaayimaan nama gara laafessa, hubataa, taphataa, maatiifi hiriyyootasaaf, akkasumas michootasaa hundaaf nama dhimmamaa turedha," jedhan.

Silaayimaan kolee booyyee yeroo jalqabaatiif namaaf kenname fudhatus, seenaa qaama biraa booyyeerraa fudhatame namaaf jijjiiranii galchuu keessatti garuu isa jalqabaa miti.

Dhukkubsattoonni lama onnee booyyee jijjiiranii galchuun raawwatameeraaf. Lamaan isaanii garuu torban lama keessatti lubbuun isaanii waan darbeef adeemsi kun hin milkoofne.

Dhibamaan tokko sirna dhukkuba ofirraa ittisuu onneen booyyee sun fudhachuu diduu isaa mallattoon agarsiisan turaniiru.

Kun ammoo adeemsa wallaansa jijjiiranii galchuu keessatti kan mudatudha.