Wiliyaam Amosti: Qondaalli siyaasaa osoo walgahii viidiyoo irra jiruu fincaa'uusaatti dhiifama gaafate

Taatee Kamisa darbe isa mudate kanaa baayyee qaama'u himeera Mr Amotsi

Madda suuraa, Canadian Press/Shutterstock

Namni siyaasaa Kaanaadaa osoo walgahii mana maree bakka bu'ootaa irratti karaa viidiyootiin gaggeeffammaa ture irra jiruu fincaan fincaa'usaatti dhiifama gaafate.

Taateen kunis Wiiliyam Amotsiin kan bulchiinsa 'Pontiac' kan Kubeek keessaa bakka bu'e kana yoo mudatu, yeroo lammataatiif. Baatii darbe osoo hirriyoota waliin vidiiyoon haasa'u qullaasaa mul'aate.

''Gochaa kiyyaan baayyee qaana'eera. Dhiibbii haalli kun namoota argan irraatti qabaatuuf dhiifaman gaafadha'' jedhan Mr Amotsi guyyaa Kamisaa.

Isa boodanaa kanas taatee ''fudhatama hin qabne'' garuu waan ''tasaan mudateedha'' jedheera.

Ibsa namni siyaasaa kuni kenneeniif bulchinsiicha bakka bu'uu itti fufulleen yeroof itti gaafatamummaa muraasa irraa akka of qussatan hime.

Itti dabaluunis osoo bal'naan waa'ee isaa hine eriin ''gargaarsan barbaada'' jedhera.

''Deeggarsa warran waliin hojjadhuu fi jaalala maatii kootii baayyeen galateeffadha,'' jedheera.

'Dogongora beekaa hin taane'

Mr Amosti nama seeraa eegumsa naannoo duraanii turan. Erga bara 2015 kaasee miseensa mana maree ta'uun tajaajilaa jiru.

Ebla keessa wayita hiriyoota waliin viidiyoon haasaa'aa tureetti, qullaa isaa mullatee ture. Innis erga miillaan deeme galeen booda osoo uffata geedarataa jiruu akka tasaa viidiyoon saaqamu himee ture.

Yeroo sanattis taate sanaan baayyee qaana'u dubbatee ture. Garuu ammoo 'dogongora beekaa hin taaneedha' lammaffas hin raawwatamu jedhe.

Taateen sun isaafi hiriyoota isaa jidduutti qofa na mudate yoo ta'elleen booda keessa garuu miidiyaalee hawaasaafi gaazexoota Kaanaadaa hundarratti bahee ture.

Booda garuu miseensi mana maree kan biraa Sabaastiyaan Lemire suuraa isaa kaasuu amanuun dhiifama gaafatee ture.

Af-yaa'iin mana maree Antoonii Rotaa booda taatee kana akka ''gaddisiisaatti' ibsuun, miseensoota waa'ee seera suuraa ykn viidiyoo adeemsa mana marichaa fudhachu dorku yaadachisanii ture.