WBO fi TPLF wal tumsuuf waliigaluun gabaafame

Marroo Dirribaa hogganaa WBO fi Dr Dabretsiyoon G/Mikaa'el hogganaa TPLF wal deeggaruuf waliigaluu himan
Ibsa waa'ee suuraa, Marroo Dirribaa hogganaa WBO fi Dr Dabretsiyoon G/Mikaa'el hogganaa TPLF

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) fi TPLF dhimma waraanaa irratti wal tumsuuf waliigaluu isaanii gaggeesitootni dhaaba lamaanii himuu Rooyitasii fi AP gabaasan.

Kanaan dura motummaan Itoophiyaa garee kunneen waliin ta'un nageenyaafi tasgabbii biyyattii booreessuuf hojjataa jiru jechuun irra deddeebiin himataa kan ture yoo ta'u, ji'oota muraasaan dura ammoo lamaanuu garee shororkeessitootaa jechuun maan maree bakka bu'oota ummattota biyyaatiin farajuunsaa ni yaadatama.

Garee lamaan, WBO kan mootummaan Itoophiyaa ''ABO - Shanee'' jedhuunii fi TPLF, lameen wabeeffachuun maddeen oduu Rooyitarsii fi AP gabaasaniiru.

Hogganaan Waraana Bilisummaa Oromoo kan motummaa 'ABO-Shanee' jedhuun, Kumsaa Dirribaa, ykn Jaal Marroo jedhamuun beekamu Asoooshetid Pireesitti (AP)tti, akkasumas hogganaan TPLF Dabretsiiyoon G/Mikaa'el ammoo Rooyitarsitti akka himanitti, dhimma waraanaa irratti wal tumsuuf walii galuuf adeemsii jiraachu mirkanneessan.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Lixaa fi Kibba biyyattii keessatti bal'inaan socho'aa kan ture yoo tahu yeroo dhiyoon as garuu gara gidduugaleessa Oromiyaa keessas akka socho'aa jiran himama.

Mootummaan ajjeechaa Lixa Oromiyaa bakka adda addaatti raawwataa tureef garee Waraanaa Bilisumaa Oromoo kana himatus isaan garuu irra deddeebiin gochaa kana haalaa turan.

Ji'a Sadaasaa eegalee mootummaa waliin waraana cimaa gaggeessaa kan ture TPLF ammoo gara naannoolee ollaa kan ta'an Amaaraa fi Affaaritti seenuun haleellaa gaggeessa jira.

''Amma furmaatni jiru afaan dubbachuu barbaadaniin dubbisuun aangoo irraa kaasuu qofadha,'' hogganaan WBO Marroo Dirribaa APtti himeera.

Kumsaa APtti akka jedhetti, gareen isaa waliigaltee irra kan gahe torbanoota muraasa dura gaaffii TPLF isaaniif dhiyeessen. ''Diina waloo keenya irratti keessumaa tumsa waraanaa gochuuf sadarkaa haasaatti waliigaltee irra geenyeerra,'' jechuun dubbate.

Madda Oduu Rooyitarsi waliin karaa bilbila saataalaayitiin kan dubbatan Dr Dabratsiyoon Garee WBO waliin haasaan taasifamaa jiraachu mirkanneessuun garuu balinsaa hin dubbanne.

Dubbii himaan garee TPLF Geetaachaw Raddaa akkasuma ''waliigaltee tokkorra gahuuf hojiin hojjetamaa jira,'' jechuun Rooyitarsitti himaniiru.

Dabaluunis ''egeree Itoophiyaa irratti warreen gahee qaban waliin hojjechuun waan haaraa miti,'' jechuunis dubbataniiru.

Kumsaa Dirribaan gamasaatiin Asooshiyeetid Pireesitti akka himetti wal-tumsa siyaasaa uumuuf haasaan taasifamaa jiraachuu himuun gareewwaan biroos haala wal-fakkaataan hirmaachaa jiraachuun,'' mootummaa amma jiru mormuuf wal-deeggarsa guddaa taha.

Dubbii himtuun ministira mummichaa Billanee Siyyuum gareewwan lamaan kana ilaalchisee deebii gama imeeliin kennaniin, TPLF fi WBO paarlaamaa biyyattiin shororkeessummaan labsamuu himuun alatti odeeffannoo dabalata akka hin kennine Rooyitars gabaaseera.

TPLF waggoota sadiin dura mormii taasifameeniifi jijjiirama dhaaba ADWUI keessatti godhameen shoora murteessaa mootummaa keessaa qabu dhabuun teessoo isaa Tigraay godhachuun mootummaa federaalaa waliin gara waraanaatti galeera.

Waraanni Bilisummaa Oromoo waggoota dheeraaf teessoo isaa Ertiraa godhachuun qabsoo taasisaa kan ture yoo tahu, ABO'n waggaa sadiin dura erga biyya seene booda irraa adda bahuun waraanaa itti fufuu hime.