Waldhibdee hooggantoota ABO: Boordiin Filannoo 'korri sabaa ABOn garee Obbo Araarsoo Biqilaa taasifate fudhatama hin qabu' jedhe

Kabaja waggaa shanaffaa OMN irratti Obbo Araarsoo Biqilaan dubbatan

Madda suuraa, ONN

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Araarsoo Biqilaa gaafatama garaa garaa irratti dhaaba ABO keessa waggaa 40 olif turaniiru

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa korri sabaa hoggantoonni ABO garee Obbo Araarsoo Biqilaatiin durfamu taasifate fudhatama hin qabu jechuun murteesse.

Boordichi murtee kanarra gahuuf adeemsa seeraa hordofuufi labsiiwwan filannoo akkasumas kan dhaabaa waabeffachuu beeksise.

Ibsa boordichi Dilbata baasen, murtee kana hordofuun ''hogganoota haaraa kora kanaan filaman akka hoggantoota ABO'tti hin fudhadhu,'' jechuun ibseera.

Kanaafis, ''Filannoo keessa hirmaachuufi kaadhimaamtoota dhiheessuuf gaaffiin dhiheessan hooggansi amma filame fudhatama dhaburraan walqabatee boordichi gaafficha ilaaluun akka hin barbaachifne beeksisuun barbaada,'' jedheera.

Hooggansi Obbo Daawudin hoogganamu filannoo biyyaalessa Itoophiyaarra akka hin hirmaanne yoo beeksisu, hooggansi Obbo Araarsoo Biqilaan hoogganamu immoo filannoorratti hirmaachuu akka barbaadu hime.

Hagayya darbe eegalee qoodinsaafi waldhabbii hoggantoota ABO gidduu dhalateen Boordiin Filannoo rakkina isaanii kora taa'uun akka furan murteessee ture.

Ta'us, akkaataa korri taasifamu irratti gareen dura taa'aa dhaabichaa Obbo Daawud Ibsaafi dura taa'aa I/Aanaa dhaabichaa Obbo Araarsoo Biqilaan hoogganamu gidduu waldhibdeen biraa dhalate.

Kanaanis, hooggansi Dura Taa'aa I/Aanaa dhaabichaa Obbo Araarsoo Biqilaan hoogganamu kora taa'uun hooggana haaraafi dambii fooyyessuu beeksise.

Hooggansi Dura Taa'aa dhaabichaa Obbo Daawud Ibsaan hoogganamummoo kora kana mormuun Boordii Filannoo Biyyaalessaattti iyyatee ture.

Murtee kora kanaa boordichaaf kan dhaqqabe yoo ta'u, boordichis fudhatama dhabsiseera.

Boordichi maal jedhe?

Hooggansi Obbo Araarsoo Biqilaan hoogganamu kora taa'een waan irra gaheefi murteewwan darbe xalayaa barreessuun boordichatti beeksisee ture.

Rakkoo keessoo dhaabichaan yaa'ii waliigalaa gochuu akka hin dandeenye ibsuun filannoon mallattoofi galmeen kaadhimamtootaa akka taasisu, yaa'ii waliigalaas akka raggaasisu gaafatee ture jedheera boordichi.

Bordichis labsii 1162/2011 akkasumas dambii dhaabichaa bu'uura godhachuun dhimmicha qoratuu ibse.

Akkaataa dambii ittiin bulmaata dhaabichaatti koreen yaa'ii waliigalaa raawwachiisuu qabu miseensa koree hojii raawwachiiftuu keessaa 2/3ffaa osoo ta'u qabu kan argame miseensa koree hojii raawwachiiftuu sadii qofaadha jedhe.

Sababa kanaaf, koreen baayina miseensaa kora gaggeessuuf gahu osoo hin guutin kan hundaa'e waan ta'ef yaa'ii waliigalaa waamufis ta'e raawwachiisuu hin danda'u jechuun murteessuu boordichi beeksiseera.

Lammata, kanneen yaa'ii waliigalaa sanarratti hirmaatan akkaataa dambii ittiin bulmaata dhaabichaan raawwatu isaaf boordichi mirkaneessuu hin dandeenye jedhe.

Hayyuu Duree fi Itti aanaa Hayyu duree ABO

Madda suuraa, Getty, ONN fi Boordii Filannoo

Dabalataan, namni tokko miseensa yaa'ii waliigalaa ta'ee filatamuuf akkaataa dambii paartichaa keewwata 17.1'tti waggaa lamaaf kan tajaajileefi dirqama isaa kan raawwate ta'u qaba jedha.

Ta'us, korri dhaabichi A.L.I Bitoteessa 04, 2013 gaggeesse ulaagaa kana guutuu isaa mirkaneessuuf 'wanti dhihaate hin jiru' jedheera boordichi.

Yaa'iin waliigalaa yookiin korri taasifame dura taa'aa dhaabichaa akkasumas beekkamtii koree waldhibdee hoggantootaa dura dhaabbate jedhamen ala adeemsa osoo hin hordofiin raawwate mormiin jedhu isa dhaqqabuus boordichi eereera.

Akkasumas korri taasifame akkaataa boordichi kana dura hoggantoonni lamaan kora waamanii rakkoo isaanii akka furan kallattii kaa'een adeemsifamu isaa hin agarsiisu jedheera boordichi.

Hooggansi Obbo Araarsoo kora maaliif taa'e?

Boordiin filannoo osoo galmeessi paartilee siyaasaa hin taasifamiin dura korri taasifamee filannootti akka adeeman ibsee ture.

Ta'us, hooggansi Obbo Daawud Ibsaan hoogganamu 'filannoorra uggurame' jechuun filannoo biyyaalessaa keessaa of baasu beeksise.

Murtee kana garuu hooggansi dhaabichaa Obbo Araarsoo Biqilaan hoogganamu hin fudhanne. 'Murteen dura taa'aa dhaabichaan murtaa'e nu hin hirmaachisne jechuun' filannoorra hirmaachuuf fedhii akka qaban ibsan.

'Hayyu duree jechuun dhaaba jechuu miti' kan jedhan qondaalli dhaabichaa yeroos BBC'n dubbise filannoorra hirmaachuuf fedhii qabaannuus hayyu dureen waan irraa barbaadamu gochaa hin jirani jechuun himatan.

''Danqaa guddaa kan nutti ta'e jiru danqaa keessa keenyaati'' jechuun qophii filannoo taasisuuf yaalanis rakkachuu ibsaa ture.

Dabalataan hooggansi Obbo Daawudin hoogganamu filannoo keessaa bahuuf akka sababaatti dhimmoota kaase hooggansi Obbo Araarsoo kan keessaa mormu qaba.

Kanaafis, hooggansi Obbo Araarsoo kora gaggeessuun Dura Ta'aafi Dura - Taa'aa I/Aanaa lama filatee, heera dhaabichaas fooyyessuu ibse.

Ministiri Muummee Abiy Ahimad jalqaba torban kana paarlaamaatti dhihaatani ibsa yeroo kennan maqaa dhaabaa kaasuu dhabanis dhaabbileen filannoorratti hirmaachuu fedhii qaban boordichi akka gargaaru gaafataniiru.

Itoophiyaan baatii Caamsaa keessa filannoo biyyaaleessaa jahaffaa ni taasifti.

Paartiin ABO fi KFO dhaabbilee filannoorra of baasan yoo ta'an dhaabni biyya bulchu murtee dhaabbilee kanaa qeequun ni yaadatama.